Gaarummaan Isin Keessa ni Jiraataa? Does Goodness Live In You?

Roy Oksonevad (Kan Hiike fi kan Qindeesse, Qopheessaa)

Yaalin jireenya gaarii jirachuudhaaf taasifamu hojii dadhabsiisaa dhuma hin qabneedha. Baay’onni keenya hojiilee keenya isaan badaa ta’an too’achuuf ni dhamaana; akkasumas hojii garii ta’e hojjechuuf ni carraaqna. Kunis anniisaa fi xiyyeeffannaa keenya guutumaa guututti ni fudhata. Kana irraa kan hafes nuti addunyaa bilisa ta’e keessa warra jaraannuu miti. Qorumsii fi rakkooleen gara garaa addunyaa kana irratti ni argamu. Haaluma kanaan hamma jiraachuu qabnu jiraachuf yemmuu carraaqnutti humna keenya ishee xinnoo sana ni fixanna. Waaqayyo wal’aansoo nuti keessa jiraannu kana ni beekaa laata? Dadhabbiiwwan keenya nuuf hin hubataa laata? Yookis immoo Waaqayyo barmaata adda ta’e akka qabaannuf wanta sirrii ta’e hojjechuuf gahee mataa keenyaa akka taphannu ni fedhaa laata?

Uummama

Waaqayyo ilmaan namaa kan uume cubbuu yookin dadhabbii tokko malee ture. Namoonni duraa, Addaami fi Hewaan qulqulloota fi mudoo tokkollee kan hin qabne turan. Addaami fi Hewaan gaarota turan, akkasumas wanta sirrii ta’e hojjechuuf ni fedhu turan; sababni isaas uumamni gaarummaa isaan keessa waan tureefi. Wanti badaa yookin kan gaarii hin taane jedhamu tokkollee hin turre. Macaafni Qulqulluun kan dubbatu Waaqayyo erga nama uumee booda wanti inni uume hundi gaarii ta’uu isaa dubbachuu isaati. Gaarummaan namootaf jireenya fi karaa jireenyaa kennee jira.

Haata’u malee akka Waaqni nu uume sana ta’uu maalif dadhabne laata? (Kanaaf deebin akka armaan gadiitti kennamee jira) :-

Kufaatii

Yeroo Addaam irraa eegalee diina ilmaan namootaa kan ture seexanni wanta Waaqayyo uume balleessuf ni barbaada. Addaami fi Hewaan Waaqayyoof akka hin ajajamne seexanni isaan ni qore; isaanis qorumsa isaatti ni kufan. Yeroo namoonni Waaqayyoof hin ajajamnettis wantoonni lama ta’anii jiru.

Tokkoffaa:- badoomni isaan keessa ni gale. Yeroo sana irra eegalee namni kamiyyuu badooma yookin jal’ina isa keessa jiru waliin wal’aansoo wal qabuun isa irraa kan eeggamu ta’e. Amalli inni badaan kun karoora jalqaba Waaqayyo uummama isaatif qabu hin turre.

Lammaffaa:- gaarummaan ilmaan namootaa keessa ture battala isaan cubbuudhan kufanitti ni du’e. Gaarummaa jechuun maal jechuu akka ta’e hubannus haata’u malee gaarummaan mataa isaatin jireenya of keessaa hin qabu. Gaarii hojjechuu akka dandeenyu fi badoomni nu keessaa akka ba’u gochuuf humna qabnu hunda ni fayyadamna. Yeroo jireenya keenyan dadhabnu yookin yeroo namni tokko nu gaddisiisu badoomni nu keessa jiru gaarummaa hunda ni injifata. Eeyyeni, gaarumma hojjechuun carraaqqii keenya hunda ni gaafata.

Fakkenyaf dhirsi tokko niitii isaa waliin walitti dhufeenya qabuun akkamitti deddeebi’uun akka isa irra jiraatu ni beeka. Ishee jaallachuu fi kunuunsa barbaachisu hunda isheedhaf taasisuu akka qabu ni beeka. Haata’u malee gaarummaa isa beeku fi isa gochuu qabu kana gochuu hin danda’u. Haaluma kana fakkaatun warri ijoollee isaanitiif of eeggannoo gochuu fi isaan hubachuuf ni carraaqu; haata’u malee walitti dhufeenya qabaniin badoomni isaanii ol bahee ni mul’ata. Ijoollen illee jal’oota ta’uuf barnoonni isaan hin barbaachisu. Nuti osoo wal irraa hin kutin gaarota akka ta’aniif isaan ni gorsina; akkasumas isaan ni sirreessina. Haata’u malee akka gaarota ta’an carraaqqii nuti taasisnu bira ce’anii yeroo wanta badaa hojjetanii fi wanta gaarii barachuudhaf kan duubatti harkifatan ta’anii isaan ni agarra.

Aniif isin wanta badaa jireenya keenya keessa jiru too’achuuf kan gochuu dandeenyu maali? Gaarummaan nu keessa jiru akka lubbuu horatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Yaalii Jireenya Haaromsuu

Waa’ee gaarummaa jireenya keenya keessa jiru haaromsuu namoonni yaadota gara garaa ni dhiheessu. Tokko tokko kanaaf furtuun isaa beekkumsa jedhu. Namoota hammuma barsiisnen gaarii gochuuf ni jijjiiramu jedhnii yaadu. Haata’u malee namoonni beekkumsaa fi dandeettii sammuu isaanii fayyadamuudhan fedhii dhuunfaa isaanii yemmuu mijeeffatan yookin immoo yemmuu namootatti fayyadaman ni agarra. Kanaafuu beekkumsi namoota gara gaarummaatti hin fidu.

Warroonni biroo immoo sirnummaan (discipline) kanaaf furmaata jedhu. Nuti jireenya keenyan sirritti kan seerummaa qabnu yoo taane, jechuunis yaada keenyan, barmaata keenyan, sochii keenyan fi kkf. sirna kan qabnu yoo taane baay’ee ni fooyyofna akkasumas caalatti gaarii ni hojjenna jedhu. Haata’u malee namoonni nutti dhihoo ta’an eenyummaa keenya sirritti ni beeku. Sirna qabaachudhaan sammuu keenya keessatti addunyaa mataa keeyaa uumuu ni dandeenya ta’a; haata’u malee ammas taanan nuti kan jiraannu lafa kana irradha. Barmaatni sirnaa baay’en jireenya keenya keessatti gaarummaa fiduudhaf ga’umsa hin qabu.

Amantaan filannoo isa birooti. Tarii nuti gara waldaa Kiristiyaanaa, gara masgiidaa yookin gara mikuraabaa yoo adeemne; yookin immoo yaada amantaa haarawa tokkoo yoo fudhanne namoota fooyyee qaban ta’uu ni dandeenya ta’a. Haata’u malee yeroo baay’ee wanti nuti amantaa irraa argannu yaada biroo addunyaa moofoftuu taate tana keessatti argamu malee jireenya haarawa keessa keenyatti jalqabamuu miti.

Tokko tokko gaarummaa argachuuf seerri filannoo fooyya’aadha jedhu. Nuti seera amala keenya, kessumattuu namusa keenya too’atu osoo qabaannee uummataa fi lammiilee gaarii ni taana jedhu. Haata’u malee seronni dabalataa gara wanta gaarii hojjechuuf fedhii horachuutti kan oofan osoo hin ta’in gara cunqursaatti kan fidaniidha. Uummamni namummaa keenyaa kan fedhu seeran ala wanta amala keenyaf mijatuu fi hojii keenyaf deeggarsa wanta kennuudha. Kanaafuu seerichi jireenya nu keessa jiruuf gaarummaa hin fidu.

Beekkumsi, sirni, amantii fi seerri jirenya keenyaf wantoota heddu ni dabalu. Wantoonni kunneen marti isaanii amala badaa ta’e jijjiiruf ni yaalu; haata’u malee wanta gaarii nu keessa jiru nuuf haaromsuuf gonkumaa hin danda’an. Kunneen hunduu dhiibbaawan karaa alaa jiraniidha. Amala badaa nu keessa jiru too’achuudhaf yemmuu xiyyeeffannaa dhabnu lammaffaa dhiibbaa amala badaa keenyaaf ni jilbeenfanna.

Gaarii ta’uuf carraaqqii si’a tokko qofa goonun gammachuu argachuu ni dandeenyaa?

Nuti Gaarotaa?

Yeroo hundaa gaarii taa’anii argamuun wanta hin danda’amne waan ta’eef namoonni baay’een dubbiin kun galma bira gahamuu hin dandeenye akka ta’e jala muranii jiru. Hojii badaa keenya bakka buusudhaaf wantoota gaarii baay’ee hojjechuu qofa qabna jedhu. Kunis hojiilen keenya akka waan madaallii irra taa’anii fakkeessa. Kanaafuu gaheen keenya wanti gaarin jireenya keenya keessa jiru madaallii irratti wanta badaa jireenya keenya keessa jiru akka caalu gochuudha. Kanaafuu jireenyi badaa ta’uu irra, eddoo badii caalaa gaarii baay’ee hojjechuu danda’uun keenya itti qoramuudha jechuudha.

Waaqayyo kan nu uume kaayyodhaafi malee nu qoruufii miti. Macaafni Qulqulluun kan nutti himu inni kan nu uume wanta gaari akka hojjennuufi malee gaari fi badaa hojjechuu danda’uu keenya qoruufi miti. Jireenya dhugaa jechuun jireenya gaarii guutuu isa Waaqayyo nuuf kenne jechuudha. Haata’u malee gaarummaan duraan dursee gara jireenya keenyatti dhufuu qaba. Jireenyi keenyas kan ta’uu qabu akka teessoo madaalaa osoo hin ta’in akka qaruuraa guututi. Qaruurichi wanta Waaqayyo akka hojjennu nurraa eegun hama afaan isaatti guutamee jira. Nuti wanta gaarii hojjechuu dandeenyu yeroo hojjennutti qaruuricha keessatti homaayyuu dabaluu hin dandeenyu sababni isaas nuti kan raawwanne gahee yookin itti gafatama keenya qofa; jechuunis nuti kan raawwanne wanta Waaqayyo akka goonu nuuf karoorse qofadha.

Haata’u malee qaruuraa keenya keessaa harka baay’ee fudhachuudhan hir’isnee karoora Waaqayyo jireenya keenyaf baase irraa gadi buunee ni argamna. Kunis kan ta’u yeroo nuti wanta badaa hojjennu yookin carraa wanta gaarii hojjechuu keenya yeroo dabarsinuudha; akkasumas wanti gaarin nuti hojjennu fedhii dhuunfaa keenyaa yemmu nuuf guutudha. Fakkeenyaf  niitolii keenyaf gaarii kan taanu xinnoo turree oolmaan nuti isaan akka nuuf oolan gaafannu wanta jiruufi. Karaalee kana fafakkaataniin karoora Waaqayyo nuuf karoorse, gaarii ta’uu irraa ni jal’anna. Jireenya keenya hundaan qaruuraa keenya keessaa akka fudhannu jireenya gaarii nuuf karoorfame irraa hanqannee ni argamna.

Nuuf abdiin gaarii ta’uu kan argamu Waaqayyo nu uume biratti qofa. Waaqayyo nu gargaaruu kan danda’u akkamitti? Badooma nu keessa jiru akka too’atuu fi gaarummaa jireenya keenyaf akka kennu kan isa taasisu maali?

Furmaata Waaqayyoo!

Waaqayyo namoota lafa irra jiran jal’ina tokkollee osoo hin qabaatin irra deebidhaan uumuf humna isa dandeechisu ni qaba. Haata’u malee kana gochuu irra uummama isaa akkuma jirutti kabajee akkuma jirutti eegee jira. Kanaafuu humna isaa karaa birootin fayyadamuun jireenya keenya jidduu galuudhaf filate. Humna seexanni jireenya namootaa kessatti qabu cabsuudhaf akkasumas nuufis jireenya haarawa kennuudhan gaarummaan deebisee nu keessa akka jiraatu godhe.

Waraanni Waaqayyoo fi seexana gidduu jiru addunyaa Waaqayyo uume kanadha. Seexanaa fi hojii isaa akka waraanu Waaqayyo Yesus Masihicha gara lafa kanaatti erge. Seexxannis mala qabu hunda Yesus irratti ni furguuggate. Yesusis namoota jal’oota ergama isaa hin hubanne harkatti gidiraan irra ga’e. Dhuga ba’iinsi isaas sobaan ni faalame. Dhuma irrattis seexanni abbaa angoo haqa jal’isu fayyadamuun yakka hin hojjenneen Yesus akka du’u taasise. Yesus wanta badaa kana hunda fedha isaatin ni fudhate; haata’u malee seexanni gonkumaa isa hin injifanne. Innis hamaa hamaadhan si’a tokko illee hin deebisne; garuu hamaa gaaridhaan  ni injifate.

Seexana injifachuudhaf Yesus Masihichi itti yaadee (fedha isaatin) du’a ni fudhate. Duuti kunis meeshaa seexanaa isa guddaa yemmuu ta’u isuma kanaan seexana ni injifate. Gara jireenyattis deebi’uudhan wanta hamaa isa guddicha harka seexanaa jiru kana caalaa jabaa ta’uu isaa Yesus ni agarsiise. Namoota lafa irra jiraatan keessaa du’aa fi badooma kan waraane fi kan injifate Yesus qofa.

Yesus Masihichi kan agarsiise inni seexana caalaa jabaa ta’uu isaati. Yesus humna seexanni qabu cabsuudhan jireenya nuuf kennuudhaf humna ni qaba. Gaarummaan deebi’ee nu keessa akka jiraatu gochuu kan dana’u isa qofaadha.

Wanta badaa nu keessa jiru irratti Yesus angoo isaa mul’isuu kan danda’u akkaataa kamiini?

Yesus Masihicha duuka bu’uu

 Yeroo tokko namicha mana hidhaa fi waardiyyoota mana hidhaa hunda caalaa ani jabaadha jechuudhan boonu tokkotu ture. Of tuulummaa nama kanaa dhagahuudhan waardiyyaan mana hidhaa sanaa isa qabuudhaf gara isaa adeeme. Haata’u malee namichi ni dhokate. Egaa namichi kun waardiyyicha mana hidhaa sanaa caala jabaadhaaree?

Akkanuma namni biroo kan lammataa mana hidhaa fi waardiyyoota mana hidhaa caala ani jabaadha jedhee dubbata ture. Waardiyyoonni isa qabuudhaf yemmuu dhufan gadi ba’ee isaanitti dhufe. Isanis isa ni qaban; isas reebanii eddoo hidhaa baay’ee badaa ta’e keessaatti isa hidhan. Ittis cufanii waardiyyoota balbala irra kaa’an. Too’ataan mana hidhaa sanaas waajjira isaa keessa taa’udhaan namichaa fi of tuulummaa isaatti ni kolfa ture.

Haata’u malee kolfi isaa baay’ee turuu hin dandeenye. Namichoon hidhaa isaa cicciree balbala dhiibee bane; waardiyyoota gamatti daddarbee kukuffisee balbala mana hidhaa tokko tokkoon banee “namni mana hidhaa kana keessaa ba’uu barbaadu na duuka haa bu’u” jedhee waamicha dhiheesse. Hidhamtoonni tokko tokko sodaatanii turan. Nama kana hordofanii lammata yoo qabaman isa waliin gadadoo isa duraa kan caalu keessa akka galan ni yaadan. Haata’u malee warri biroo akkas jedhan “wanta badaa isarratti gochuu danda’an hunda nama kana irratti raawwatanii jiru; haata’u malee inni amma isaan caalaa jabaa ta’uu isaa isaanitti garsiisee jira. Isa duuka ni buuna, ni baanas” jedhan.

Isas hamma dhuma mana hidhaa sanaatti itti dhihaatanii warri duuka bu’an balbaloota mana hidhaa sanaa fi waardiyyoota karaa irra jiran illee akka injifataniif humna isaa yemmuu isaanif hiru ni argan. Dhuma irrattis hamma mootummaa isaa isa gaaritti isa faana bu’an.

Yesuus Masihichi jireenya namoota isatti amananii fi isas akka fayyisaa isaanitti fudhatan keessati garummaa deebisee kakaasudhaaf waadaa galee jira. Kan mana hidhaa keessatti rukutame isadha; haata’u malee humna isaatin mana hidhaa keessaa bahee jira. Innis gara gaarummaa fi jireenya haarawaatti akka dhufnu nu waamaa jira.

Jireenya Yesus Masihicha Keessatti

Yesus nu keessa jireenyi akka jiraatu yemmuu godhu filannoowwan sirrii ta’an filachuuf walabummaa ni arganna. Wantoota gaarii hojjechuufis fedhii ni horanna. Kunis ala irraa kan dhufu osoo hin ta’in keessa keenyaa kan madduudha. Gaarummaa hojjechuufis jabina ni arganna. Namoota guutumaa guututti harawa ta’an akka taanu Macaafni Qulqulluun nutti ni hima. Maddi jireenya keenya isa haarawaatis Waaqayyodha.

Nuti ammas taanan rakkina ni qabna. Eenyummaan keenya inni moofan nukeessa jiraachuu isaa ittuma fufa. Waaqayyo kan waadaa nuuf gale mootummaa isaa keessatti wanta badaa nu keessa jiru barbadeessee jireenya keenya isa jalqaba irratti yemmuu uummamnu qabnu sana deebisee fi haromsee nu dhaabudhaafi. Hanga sanatti garuu nu keessatti wal’aanson badooma fi gaarummaa gidduutti adeemsifamu itti fufa.

Ejjennoon keenya akka laafu gochuuf dhiibban alaa nutti dhufu ni jira. Nuti kan jiraannu addunyaa bilisa ta’e keessattii miti. Haalonnii fi namoonni biroo ejjennoon keenya laafaa akka ta’u dhiibbaa nurratti ni godhu. Fakkeenyaf namoonni nuti waliin hojjennu isaan yeroo hojii isaanii seeran akka itti hin fayyadamnee fi meeshaalee tokko tokko eddoo hojiitii seeran ala fudhachuu isaanii hoggantoota keenyatti nuti jalaa akka hin himne ni fedhu. Kanaafis nutis akkuma isaanii akka goonu ni fedhu. Seexannis akkasuma jreenya keenya isa haarawa ni morma. Nu balleessu fi sobaan nu gowwoomsufis ni barbaada.

Mormii akkanaa kanaaf Waaqayyo gargaarsa kan nuuf kenne akkamitti?

Jireenya haarawa kana jiraachuu

Waaqayyo nuti jabeenya dhuunfaa keenyatiin akka dhaabbannu nu hin dhiifne. Waaqayyo karaa Yesus Masihichaan gaarummaa nu keessa jiru haaromsuu qofa osoo hin ta’in jireenya haarawa kana akka jiraannu wanta nu dandeechisu nuuf kennee jira. Waaqayyo jireenya haarawaa fi hiika qabu kana akka jiraannu wantoot sadi’i nuuf kennee jira. A. Macaafa Qulqulluu B. Hafuura Qulqulluu fi C. hawaasa haarawa waldaa Kiristiyaanaa jedhamtu.

Macaafni Qulqulluun qajeelcha jreenya keenyaf nu barbaachisuudha. Innis dubbiiwwan sobaa seexanni odeessu ni balaaleffata. Macaafa Qulqulluu keessatti kan nuti argannu seera Waaqayyoo isa amma gammachudhan hordofnu qofa osoo hin ta’in ilaalcha jireenya ammaa kanaa fi addunyaadhaf qabnu illee ni dabalata. Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo waan ta’eef fedha Waaqayyoo akka barruuf nu gaggeessa. Isaan malee karaan sirriin isa kam akka ta’e baruu hin dandeenyu. Nuti ofii keenyan jiraachuu waan hin dandeenyef yaada keenya karaa sirrii akka nuuf qabsiisu sagaleen Waaqayyoo nu barbaachisa.

Hafuurri Qulqulluun immoo karaa Kiristoosin jireenya haarawa erga argannee booda hafuura Waaqayyoo kan nu keessa jiraatudha. Innis nama Kiristoosin haarawa ta’eef yaadonnii fi gochoonni sagalee Waaqayyoo waliin wal faallessan kam faa’a akka ta’an itt hima. Nama jireenya haarawa argate kana keessa kan jiraatu Waaqayyo waan ta’eef seexanaa fi ergamoota isaa hamoo ta’an sodaachun irra hin jiraatu. Namni tokko keessa isaatti sagalee Hafuura Qulqulluu yemmuu dhagahu murtii sirrii ta’e murteessudhaan fedha Waaqayyoo hordofuu ni danda’a.

Waldaan Kiristiyaanaa hawaasa saba Waaqayyooti. Nuti amma miseensota maatii haarawaa, jechuunis kan maati Waaqayyoo taanee jirra. Jireenya haarawa Kiristoosin argamu waldaan Kiristiyaanaa modeela (fakkeenya) taatee ni mul’isti. Fakkenya namoota hafuura Waaqayyoo hordofaniis ni agarsiisti. Kunis ajajamuudhaf haala gatii guddaa nama kafalchiisu kessattis ta’uu ni danda’a. Fakkeenyonni kunneen namicha Kiristoosin haarawa uummame sanaaf fakkeenyota isaan qajeelodha. Karaalee jireenyaa rakkisoo ta’an irratti waldhaansoo keessa yemmu gallutti jireenya haarawa kana akka qabaannuf waldaan Kiristiyaanaa jajjabeenya fi kallattiiwwan irra adeemnu nuuf kenniti.

Wantoota sadan kanneen keessaa tokko yoo hir’ate namichi Kiristoosin haarawa ta’e kiyyoo qorumsa seexanaa keessatti kufuu ni danda’a. karaa Macaafa Qulqulluu, hafuura Qulqulluu fi waldaa Kiristiyaanatiin gargaarsa Waaqayyo kenneen alatti hammeenya addunyaa kana keessa jiru fuul dura dhaabbachuun hin danda’amu.

Jireenyi haarofti Kiristoosin jiru guyyaa murtiitif nu qopheessaa laata?

Guyyaa Murtii

Yeroo baay’ee nuti Waaqayyo kan nutti murteessu hojiiwwan badaa hojjenne rratti hundaa’ee akka ta’e nutti dhagahama. Haata’u malee wanti nuti amma hojjennu kamiyyuu wanta nu keessa jiru kan agarsiisudha. Waaqayyo kan nutti murteessu jireenya haarawa isa irraa argachuu fi argachuu dhiisuu keenya irratti hundaa’eti. Jireenya haarawa kana yoo qabaanne Waaqayyo hammeenya nu keessa jiru gaafa murtii nu keessaa ni balleessa.  Nutis akka Waqayyo jalqaba itti nu uume sana ni taana; innis gara mootummaa waaqatti nu fida. Jireenya haarawa kana Waaqayyo biraa hin qabaannu taanan garuu waa’ee gaarummaa beekkumsi qabnu nurraa fudhatamee gara ibidda bara baraa ni adeemna. Innis eddoo seexanaa fi duuka bu’oota isaatif qophaa’edha. Jireenya kiristoosin haaromsame ni qabduu? Dhugumaan nama gaarii ta’uu ni barbaadduu?

Murtii Keessan

Amantaan, beekkumsi, sirni yookin seerri nama tokkoof jireenya haarawa kennuu hin danda’an. Humni seexanaa cabee jireenyi haarofti isin keessa galuu qaba. Namni raajii jedhame kamuu, barsiisan amantaa baha fagoo, amantaan yookin namni qalqalluu jedhame kamuu jireenya haarawa kana isiniif kennuu hin danda’u yookin seexanaa fi hojiilee isaa hamoota ta’an irraa gonkumaa isin eeguu hin danda’u.

Jireenya gaarii sirriidhan jiraachuf furtuun nama dandeechisu kan jiru hojii Yesus Kiristoos isiniif hojjete keessadha. Inni jireenya baay’ee qulqulluu ta’e lafa irratti jiraatee jira. Gatii cubbuu ilmaan namootatis kanfaluudhaf ofii isaa fedhiidhan ni kenne. Ni du’e, ni awwaalames, guyyaa sadaffaattis du’a injifatee ni ka’e. Amma Gooftan Yesus warra jireenya haarawa barbaadaniif qalbii jijjiirrachudhan isatti dhihaatanii yoo isa gaafatan isaanif kennuudhaf qophiidha. Macaafni Qulqulluun wangeela Yohannis 1:12 irratti “Warra isa simatanii maqaa isaatti amananiif garuu ijoollee Waaqayyoo akka ta'an mirga kenneef” jechuudhan ni dubbata. Kanaafuu isin amma kan gochuu qabdan onnee keesan irraa ta’uudhan gara isaa dhihaattanii akka dhiifama isiniif godhuu fi jireenya haarawa akka isiniif laatu gaafachuudha. Warri isatti amananii fi isa irraa lammata dhalatan hunduu ijoollee isaa ni ta’u. Gara maatii Waaqayyoo battaluma itti dabalamnetti jireenyi cubbuu kana dura hojjennee hundi nurraa ni fudhatama.

Yaadachiisa Qopheessichaa

Yaa dubbistoota; barreeffama kana haalan dubbistanii jirtu taanan wantoonni yaadun isin irra jiraatan ni jiru. Kanneen keessaa inni jalqabaa fi inni guddichi waa’ee walitti dhufeenya Waaqayyo jiraataa waliin qabdaniidha. Waaqayyo waliin nagaha ni qabduu? Fayyina dheekkamsa Waaqayyo cubbamoota irratti fidu jalaa ittiin baatan argattanii jirtuu? Amma osoo duutanii garama adeemtu?

Waaqayyo walin nagaha akka qabaattanii fi dheekkamsa murtii isaa jalaa akka baatan balballi inni qofaa karaa Kiristoosin isiniif banamee jira. Kana hubachuuf toora intarneetii kana irratti barreeffamoota walitti fufanii bahanii fi Macaafa Qulqulluu dubbifachuudhan jireenya keessan haalan qorachuudhan gara Gooftaa Yesus qalbii jijjiirrannaadhan dhihaattanii dhiifama gaafachuu qabdu. Waaqayyo ayyaana fi hafuura isaatin isin haa gargaaru! Amen.

Maddi hiikkaa:  Does Goodness Live In You?

Islaamummaadhaf Deebii, Oromiffa Fuula Duraa