MASGIIDA FI GAHEE INNI HAWAASA KEESSATTI QABU

Bareessitoonni:  Belshaazaari fi Abdeneegoo

Kan Hiike: Islaamummaadhaf Deebii Garee Afaan Oromoo

Duraan Dursa

Kun gabaasa jecha tokko qofa irratti hundaa’edha. Jechi kunis Masgiida (Maskiida) kan jedhu yemmuu ta’u dhaabbata yeroo hundaa oduu sab-qunnamtii gara garaatin dhageenyu kan bakka bu’uudha. Baroota dhihoon booda Masgiidota biyya Ingiliizi fi Awrooppaa keessatti argaman keessatti meeshaalen waraana fi barreeffamoonni  shororkeessummaa kakaasan argamanis biyyoota dhihaa biratti dhaabbanni kun akkuma Waldaa Kiristiyaana fi eddoowwan amantaa gara garaa eddoo waaqeffannaa akka ta’etti lakkaawwama. Haata’u malee argannaawwan ifa bahan kunneen gaafilee gara garaa kaasanii jiru. Barreeffamni kunis gaafileedhuma kanneen kan ilaallatuudha. Gaafileen kunneen: “Masgiidni eddoo waaqeffannaa qofaa? Gamoowwan kanneen keessatti sochiiwwan loltummaa taasifamuu kan danda’an Islaamummaa keessatti akka waaqeffannatti kan lakkaa’amu maal yoota’eedha laata? Sochiiwwan kunneen Islaamummaa kan bakka hin buune yoo ta’an abbootin Amantaa Islaamummaa maalif gocha kana hin balaaleffanne?” gaafilee jedhan of keessatti hammatu. Dubbiiwwan dhiifama gaafannaa fi ibsoonni gara garaa taasifamanis wantoonni kana fakkaatan irra deddeebidhaan akka hin raawwatamne ittisuuf humna hin qaban. Osoo dhugumaan wantoota Masgiida keessatti adeemsifamaa jiran kana ittisuu fedhanii maalif Fatwaa yookin ejjennoo seeraa cimaa ta’e baasuu didan?

Gaafilee armaan olitti ka’an kanneen kan fakkaataniidha haala qabatamaa amma jiruu fi ka’umsa wantoota amma ta’aa jiranii agarsiisudhan qorannoo barreessitoonni kunneen taasisan kana barbaachisaa kan taasise.

Haata’u malee qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e sababni cimaan biraa ni jira. Innis Niiw Haam, baha magaalaa Landan keessatti bara 2012 ganna keessa Olompiikii taasifamuuf hojiin isaa xumuramuudhan tajaajila kennuu akka eegalu kan himamee fi Masgiida isa waaqeffattoota 70,000 keessummeessuu danda’uun balaan ifa ta’e mul’achuu isaati. Hawaasa wanta kanaan hubame keessa namoonni jiraatan haala ifa ta’een akka mul’atutti waa’ee kanaan rifaatuu keessa kan galan yemmuu ta’u gaafilee kanneenif deebii ni barbaadu. Deebii kanas yeroon osoo hin barfatin ammuma argachuu fedhu.

Barreessitoonni qorannoo kanaa fedha isaanitiin Islaamummaa gadi lakkisanii kan bahan yoo ta’an waa’ee barbaachisummaa biyyoota Islaama hin taane keessatti walabummaa filannoo kamuu taasisuudhaf qabnu akkasumas Masgiidni kun (yookin kan biraa) dhiibban inni hawaasa irratti geessisu, keessumattuu Masgiidni Niiwhaam eddoo irratti ijaarramuudhaf karoorfame naannawa hawaasa jiraatan gidduutti balaa geessisuu danda’u dubbachuudhaf gahumsa kan qabaniidha.  Gabaasa kana dhiheessun dirqama ta’ee waan argameef Masgiidni kun giddu gala fakkii Islaamummaa akka ta’e akkasumas maddeen Islaamummaa irraa ka’uudhan wantoota yemmuu Masgiida keessatti raawwataman dhiifama argamsiisan ilaalchisee qorannoo gadi fageenya qabu qopheessanii jiru. Islaamummaa amantaadha jennee waamuu iirra caala “karaa jiruu” jennee waamuu filanna. Sababni isaatis bara Muhaammad irraa eegalee seerri shari’aa Islaamaa siyaasaa irraa eegalee hamma diinagdeetti deebii akka qabu irra deddeebi’amee waan dubbatamuu fi irra caala immoo jireenyi Islaamummaadhan ala hiika akka hin qabne waan dubbatamuufi.

Barreessitoonni – beektonni Islaamaa iyyuu wantoota dubbataman hunda faccisuudhaf hamma hin dandeenyetti maddeen Islaamaa fayyadamuudhan wantoota sirritti odeeffannoo dhugaa ta’een deeggaraman qofa fayyadamuudhaf of eeggannoo cimaa taasisanii jiru. Haata’u malee namoonni Dhihaa halicha ilaalcha gaaridhaan ilaaluu fedhanii fi kitaaba xinnoo tana keessatti ilaalcha kaa’ame fudhachuudhaf namoonnii fedha hin qabne odeeffannoowwan kanneen haalli isaan itti busheessan jiraachuu ni mala. Haalota nageenya fi wal danda’iinsa agarsiisan faallatti Islaamummaan inni Masgiida keessatti lallabamu akkuma sab qunnamtiilee gara garaatin dhageenyu ilaalcha shororkeessitootaa, du’anii ajjeesuu, Al qaa’idaa fi kkf of keessaa qaba.

Dura bu’oonni keenya Awrooppaa, Waashingitan, Paaris, Barliin yookin Mooskoo keessatti argaman garaa qulqulluudhan waa’ee amantaa Islaamummaa wantoota gaarii ta’an nutti himanii jiru. Akkasumas dura bu’ootaa fi daldaltoota Musliimaa baay’ee jajanii fi kabajan waliin walitti dhufeenya siyaasa fi dhuunfaa karaa hedduun uumanii jiru. Namoonni Musliima ta’an kunneen tarii warra garaa qulqulluu qaban ta’uu ni dadnda’u haata’u malee namoota waa’ee amantaa isaanii hubannoo gahaa ta’e hin qabaannedha. Haata’u malee baroota dheeran booda jaarrota dabran keessa Islaamummaan akkuma dadammaqe, fakkeenyaf bara 1979 Iraan keessatti warraaqsa Islaamummaa taasifame sana kan fakkaatu yoo adeemsifame namoonni haala isaan ittiin mormuu hin dandeenyen gara Amantaa Islaamummaa cimaatti harkifamuun isaanii hin oolu.

Onnee Musliimota ejjennoo laafaa qaban kanneen keessatti haala lakkoofsi isaa dabalaa dhufeen haaromfama Islaamummaa taasisuuf yaadun ni jira. Yoo qalbeeffannee ilaalle ta’e yeroo ammaa kana ol guddachaa kan jiran sochiiwwan haaromsa Islaamummaa, barummaa, walabummaa dhuunfaa, filannoo amantaa, seerota Islaamummaa cimoo laaffisuu fi kkf sochiilee lallaban ni ilaalla. Wanti akkasii kun dhugumaan kan nama gammachiisu ni fakkaata. Haata’u malee dubbiiwwan yaadachiisoo ta’an muraasa dabaluun nu barbaachisa. Sochiilen akkanaa kunneen seenaa Islaamummaa keessatti ka’uudhan kufanii jiru. Sochiilen haaromsa Islaamummaa hunduu dhuma irratti injifatamanii akka waan faayidaa hin qabneetitti gatamanii jiru. Kanaaf fakkeenya kan ta’u biyya Ispeen, Kordobaa keessatti gubamuu barreeffamoota Ibin Rushdidha. (warra Dhihaa biratti Averoos jedhameet beekkama). Namni kun bulchiinsa mootummaa keessatti qaadii (Abbaa Seeraa) shari’aa ture. Barreeffamoonni isaa “dhugaan” maddeen Islaamummaatin alatti argamuu ni danda’u yaada jedhu kan qaban waan turaniif akka arrabsootti lakkaa’amanii jiru. Namni kun falaasamaa hojiiwwan Aristootil gara Awrooppa fi Addunyaa Islaamaatti nama galcheedha.

Naannawa Addunyaatti akkuma haleellawwan shororkeessummaa dabalaa dhufaniin biyyoota Dhihaa keessatti sab qunnamtiile jiraniin sochiiwwan siyaasa fi loltummaa Masgiidota keessatti ta’aa jiran kunneen gaafin irratti ka’aa ni jira.

Dubbicha haala salphaa ta’een lafa kaa’uf Addunyaan ammaa tun wantoota Islaamummaa keessatti ta’aa jiran kanneenin bitaan ishee galee jira. Uummanni Islaamaa walakkaan, keessumattuu mirga namoomaa, mirga filannoo fi akkasumas Al-Qaa’idaan Islaamummaa bakka nibu’a moo hin bu’u gaafii jedhuun dhiphin keessa akka lixan nan amana. Ani dhuunfaa kootitti Islaamumaa keessatti haaromfamni ni taasifama abdii jedhuun baroota dheeraf eegan ture. Beelshazaari fi Abdanaagoon namni Musliima ta’ee fi hin taane kamuu xiinxaluu hojii qabu nuuf dhiheessanii jiru.

Tarii hojii kana sirritti yoo xiinxaltan haaromfamni akka Kiristiyaanummaa fi Yihuudii keessaatti taasifame maalif Islaamummaa keessatti taasifamuu akka hin dandeenye ni hubattu. Na hin shakkinaa, wantoonni kunneen dhugaa ta’uu isaanii irra ani osoon dogongoree nan filadha ture.

Gide’on

Ebla, 2006

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo, Fuula Duraa